(Madda Oduu ABO " gabaasa boodanaa"/MOA/Ebla 5, 2009) Walgahiin biyyoota dureyyii 20 (G20 summit) Caamsaa (April) 1-2, 2009 magaalaa London bakka Excel Royal Victoria Dock jedhamutti geggeffamuun isaa ni beekama. Hiriirri Oromoo biyya Ingilizii gaafa Kamisa, Caamsaa 2, 2009 Abbaan irree ( Dictator ) Mallas Zenawwii argamuu isaa mormuu fi dhiittaa inni mirga ummata Oromoo fi kaan irratti raawwachaa jiru saaxila baasuuf kan qoophaawee ture.
Hiriira kana irratti ummatni Oromoo dhibbaan lakkaawamanii fi ummatootni Ogaaden, Somaalee, Sidaamaa akkasumas ummatni Amhaaraa hedduminaan argaminiiru.
Kaayyoon hiriira kanaa inni jalqabaa Maallas Zenaawwii utuu sanyii duguuguu dhaan (Genocide) kasasamee mana murtii adunyaatti akka dhihaatu gaafatamaa jiruu walgahii guddoo akkasii irratti yaamamuun isaa sirrii akka hin taane ibsachuu ture. Gama biraan immoo ajjeechaa , hidhaa, saamicha fi gidiraa adda addaa inni uummata Oromoo fi ummatoota cunqurfamoo biroo irraan gahaa gahaa jiru saaxila baasuu ture.
Hiriira kana irratti ummatni haamilee guddoon mormii isaa dhiheeffachaa oole. Dhaadannoolee turan keessaa hanga tokko ‘Meles is a dictator, Meles is a child killer, Meles is a butcher, Meles to the Hague, KKf kan jedhan turan.
Hiriira kana kan adda taasisu keessaa tokko guyyaa kana ummatni adda addaa hiriira kana irratti argaman marti kan morman Mallas Zenawwitiin tahuu isaa ti. Akkuma gaazexessitootni biyya adda addaa hubatanii gabaasanitti hiriira kana keessatti bakka guddoo qabatee kan oole mormii Mallas fi bulchiisa isaa irratti dhihaachaa turee dha.Kunis Mallas Zenawwii abbaa irree adunyaa kana irratti argaman keessaa sadarkaa guddoo irra akka jiru agarsiisda.
Itti dabalees Hawaasni Oromoo biyya Ingilizii gochaa mootummaan Mallas Zenaawwi ummata Oromoo irraan gahaa jiru gadi faginaan caqasee iyyannoo dhiheeffatee jira.. Iyyannoo kun Dura Taa’aa walgahii biyyoota dureyyii 20 (G20 summit) kan tahan muummicha PM Gordon Brown fi mataa Mootota biyyootii kaaniif ergamee jira.
Hiriirri kun haala milkii qabuun kan xumurame yammuu ta’u biyyootiin dureyyii kunii fi ummatni adunyaa gidiraa ummatni Oromoo bulchiinsa Mallas Zenawwii jalatti argaa jiru sirnaan hubata jennee abdanna.
Injifannoon Ummata Oromoof!
Ummata Oromoo biyya Ingilizii